(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 6,2010) Wayyaanotni ilmaan Tigraayii fi ergamtootni isaanii filmaata amma deemuuf jedhu irratti mormitootni nu mo’uu waan malaniif dhiibbaa irraan geenyu cimsuu qabna jechuun akka murteeffatan gabaafameera. Ummataa fi deggertoota mormitootaa irrattis sodaachis geggeeffamu hammaatuutu gabaafame.
Akka fakkeenyaatti Godina Wallaggaa Horroo Guduruuttu buufataalee filannoo 12 keessaa 6 qofa malee hin galmeessinu jechuun mormitoota akka ari’an barameera. Kaadhimamtoota mormitootaa kaan hidhanii gidirsuu irratti argaman. Ona Guduruu, Kombolchaattis shira hojjechuun kaadhimamtoota mormitootaa reebuun isaanii ifa ta’eera.
Wayyaanotni maqaa filmaataa kanaan Yunversitii Amboo keessattis shira biraa xaxaa jiraachuu isaanii oduun nu gahe ni ibsa. Namootni isaan koree filachiiftuu jedhanii dhiheessaa jiran miseensota dhaaba jalee wayyaanee OPDO akka ta’an barameera.
Muummee Animal Science irraa barataa Misgaanaa, itti gaafatamaa OPDO mooirchaa, Kadir, Muummee Computer Science irraa Zinnaash Alamaayyoo kanneen jedhaman marti isaaniituu miseensota OPDO akka ta’an oduun nu gahe ni hubachiisa.
Namootni kun bilisa ta’anii Amboottis ta’u bakka biraatti filchiisuu waan hin dandeenyeef barattootni Yunversitii Amboo fi jiraattotni magaalaa Amboo waliif ibsuun mormii isaanii dhageessisaa akka jiranis ifa ta’eera.
*********
Mootummaan wayyaanee barattoota miseensa taasifachuuf jechu qulqullina barnootaa Oromiyaa keessaa daran ajjeesaa jira.
(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 6,2010) Oduun nu gahe akka hubachiisutti, mootummaan wayyaanee Oromiyaa Godinoota adda addaa keessatti barattoota miseensa taasifachuuf jecha osoo yeroon hin gahin qormaata akka fudhatanii fi ga’umsaan maleetti kutaa irraa gara kutaatti akka darban godhaa jira. Haalli kun Godina Jimmaa Onoota adda addaa keessatti mul’ataa akka jiru gabaasaan nu gahe ni ibsa.
Keessumaa barattoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Toobbaa Ona Guumaatti walitti qabuun barattoota garii miseensa taasifatan yeroo malee qormaata akka fudhatanii fi darban godhaa jiran.
Maqaa raayyaa barnootaa jedhuun paakeejii qulqullina barmootaa warra galmaan gahan jedhanii barattoota kutaa 9 hanga 12 jiran keessaa shan shan kanneen miseensa isaanii ta’an filanii barsiisotni osoo yeroon hin ga’in akka qormaata qopheessaniif taasisaa jiran.
Barattootni kaan akka mormii hin kaafneefis kanneen sodaatan qormaata kutaa keessaa fi kan xumuraa yeroo malee akka kennamuuf godhaa jiran. Barattoota qormaata 10 keessaa 5 gadi fidaniifis qormaatni irra deebi’amee akka kennamu gochuun qulqullina barmootaa ajjeesaa jiru jechuun maddeen keenya ibsaniiru.
Tarkaanfii wayyaanotaa kanaan barattootni hedduun osoo hin qayyabatinii fi hin hubatin kutaa irraa gara kutaatti akka darban gochuun sammuu barattootaa doomsaa fi qulqullina barumsaas ajjeesaa jiru jechuun maddeen ibsaniiru.
Gocha wayyaanotaa kanaan ALHtti bara 2001 keessa barattoota mana barumsaa kanaa qormaata biyyoolessaa fudhatan 280 keessaa tuqaa lamaa ol kan fidan barattoota 28 qofa akka ta’an oduun kun yaadachiiseera.
MOA
|